Matthew 24:43-51
43Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture. 44Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii. 45 “Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu? 46Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. 47Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. 48Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee 49garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba. 50Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. 51Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
Copyright information for
GazHAHl