Matthew 25:1-13
Fakkeenya Dubarran Kurnanii
1 “Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata. 2Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan. 3Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne. 4Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan. 5Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis. 6 “Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame. 7 “Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan. 8Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan. 9 “Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin. 10 “Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame. 11 “Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin. 12 “Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen. 13 “Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.
Copyright information for
GazHAHl