Matthew 26:2-16
2“Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.” 3Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman. 4Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan. 5Isaanis, “Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibamuu Isaa
26:6‑13 kwf – Mar 14:3‑9
26:6‑13 kwi – Luq 7:37,38; Yoh 12:1‑8
6Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu, 7dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte. 8Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif? 9Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” 10Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. 11Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. 12Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote. 13Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”Yihuudaan Yesuusin Dabarsee Kennuuf Walii Galuu Isaa
26:14‑16 kwf – Mar 14:10,11; Luq 22:3‑6
14Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee, 15“Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan. 16Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
Copyright information for
GazHAHl