Matthew 26:31-35
Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee Dubbate
26:31‑35 kwf – Mar 14:27‑31; Luq 22:31‑34
31Ergasii Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Ani tiksee nan rukuta;hoolonni karra sanaas ni bittinneeffamu.’ ▼
32 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.” 33Phexros immoo deebisee, “Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu” jedheen. 34Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen. 35Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.
Copyright information for
GazHAHl