Matthew 26:47-56
Yesuus Qabamuu Isaa
26:47‑56 kwf – Mar 14:43‑50; Luq 22:47‑53
47Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe. 48Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture. 49Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate. 50Yesuusis deebisee, “Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!” jedhe. Namoonni sun itti dhiʼaatanii Yesuusin qabanii hidhan. 51Kunoo, warra Yesuus wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute. 52Yesuus immoo akkana jedheen; “Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii. 53Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa Leegewoonii ▼▼Leegewooniin Roomaa tokkichi loltoota 6,000 qabata.
Kudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa? 54Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?” 55Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne. 56Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.” Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.
Copyright information for
GazHAHl