Matthew 26:57-68
Yesuus Yaaʼii Yihuudootaa Duratti
26:57‑68 kwf – Mar 14:53‑65; Yoh 18:12,13,19‑24
57Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan. 58Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe. 59Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan. 60Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne. Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii, 61“Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan. 62Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate. 63Yesuus garuu inuma calʼise. Lubichi ol aanaan, “Ani Waaqa jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate mee nutti himi” jedheen. 64Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe. 65Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu. 66Maal isinitti fakkaata?” Isaanis, “Duʼatu isaaf mala” jedhanii deebisan. 67Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii, 68“Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.
Copyright information for
GazHAHl