Matthew 26:71-75
71Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte. 72Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane. 73Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, “Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii” jedhan. 74Yommus inni, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. Yommusuma indaanqoon iyye. 75Phexrosis dubbii Yesuus, “Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe.
Copyright information for
GazHAHl