‏ Matthew 27:11-18

Yesuus Fuula Phiilaaxoos Duratti

27:11‑26 kwf – Mar 15:2‑15; Luq 23:2,3,18‑25; Yoh 18:29–19:16

11Yeroo sanatti Yesuus fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.

Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.

12Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine. 13Phiilaaxoosis, “Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee isa gaafate. 14Yesuus garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate.

15Bulchaan sun nama hidhame tokko ayyaanaan akkuma fedhii sabaatti gad dhiisuu bartee godhatee ture. 16Yeroo sana namichi Barabbaas jedhamu beekamaan tokko hidhamee ture. 17Kanaafuu yommuu isaan walitti qabamanitti Phiilaaxoos, “Akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu? Barabbaas moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee isaan gaafate. 18Akka isaan hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
Copyright information for GazHAHl