‏ Matthew 27:27-31

Loltoonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii

27:27‑31 kwf – Mar 15:16‑20

27Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Yesuusin mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Yesuusitti walitti qaban. 28Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan; 29gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii isatti qoosan. 30Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan. 31Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
Copyright information for GazHAHl