Matthew 27:33-44
33Isaanis iddoo Golgootaa jedhamu gaʼan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha. 34Achittis akka inni dhuguuf daadhii wayinii kan hadhooftuun itti makame kennaniif; inni garuu afaaniin qabee dhuguu dide. 35Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan. 36Isaanis achi taaʼanii isa eegaa turan. 37Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis, Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti, jedha. 38Hattoonni lamas, inni tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannifaman. 39Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, 40“Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, mee of oolchi! Ati yoo Ilma Waaqaa taate fannoo irraa gad buʼi!” jedhan. 41Akkasumas luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni isatti qoosan. Akkanas jedhan; 42“Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii. 43Inni Waaqa amanata; Waaqni yoo isa jaallate, mee amma isa haa oolchu; inni, ‘Ani Ilma Waaqaa ti’ jedheeraatii.” 44Akkasuma hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
Copyright information for
GazHAHl