‏ Matthew 27:45-56

Yesuus Duʼuu Isaa

27:45‑56 kwf – Mar 15:33‑41; Luq 23:44‑49

45Saʼaatii jaʼaa jalqabee hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. 46Gara Saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee, Eloohee,
Waraabbileen tokko tokko Eelii, Eelii jedhu.
laamaa sabaqtaanii?” jedhee iyye; hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.

47Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Eeliyaasin waama” jedhan.

48Yommusuma isaan keessaa namichi tokko fiigee dhaqee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kenne. 49Warri kaan garuu, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee isa oolchu arginaatii” jedhan.

50Yesuus ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.

51Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan. 52Awwaalonnis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman. 53Isaanis duʼaa kaʼuu Yesuus booddee awwaala keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan.

54Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, “Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!” jedhan.

55Dubartoonni Yesuusin tajaajiluuf jedhanii Galiilaadhaa isa duukaa buʼan baayʼeenis fagoo dhaabatanii ilaalaa turan. 56Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi Yoosef, akkasumas haadha ilmaan Zabdewoos turan.
Copyright information for GazHAHl