‏ Matthew 28:1-8

Duʼaa Kaʼuu Yesuus

28:1‑8 kwf – Mar 16:1‑8; Luq 24:1‑10

1Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan barii barraaqaan awwaala ilaaluu dhaqan.

2Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe. 3Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture. 4Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.

5Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. 6Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa. 7Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.”

8Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan awwaala sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan.
Copyright information for GazHAHl