Matthew 3:1-12
Lallaba Yohannis Cuuphaa
3:1‑12 kwf – Mar 1:3‑8; Luq 3:2‑17
1Bara sana Yohannis Cuuphaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; 2innis, “Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe. 3Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa;daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’
jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo” ▼
jedhamee dubbatame sanaa dha. 4Uffanni Yohannis rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture. 5Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan. 6Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan. 7Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime? 8Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa. 9Isin, ‘Abbaan keenya Abrahaamii dha’ ofiin jechuu waan dandeessan hin seʼinaa. Waaqni dhagoota kanneen irraa Abrahaamiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii. 10Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama. 11“Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. 12Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
Copyright information for
GazHAHl