‏ Matthew 4:1-11

Yesuus Qoramuu Isaa

4:1‑11 kwf – Mar 1:12‑13; Luq 4:1‑13

1Ergasii Yesuus akka diiyaabiloosiin qoramuuf Hafuuraan gammoojjiitti geeffame. 2Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booddee ni beelaʼe. 3Inni nama qoru sun gara isaa dhufee, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagoonni kunneen buddeena taʼan ajaji” jedheen.

4Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen.

5Ergasii diiyaabiloos gara magaalaa qulqulluutti isa geessee fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. 6Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, gad of darbadhu. Akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Inni ergamoota isaa siif ni ajaja;
isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,
harka isaaniitiin ol si fuudhu.’

7Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’ jedhamee barreeffameera” jedheen.

8Ammas diiyaabiloos tulluu akka malee ol dheeraa tokkotti ol isa baasee mootummoota addunyaa hundaa fi ulfina isaanii isatti argisiise. 9Akkanas jedheen; “Yoo ati gad jettee naaf sagadde, waan kana hundumaa siifin kenna.”

10Yesuusis, “Seexana nana, narraa fagaadhu! ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili’ jedhamee barreeffameeraatii” jedheen.

11Diiyaabiloosis isa dhiisee deeme; ergamoonni immoo dhufanii isa tajaajilan.
Copyright information for GazHAHl