Matthew 5:3-12
3 “Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;mootummaan samii kan isaaniitii.
4 Warri gaddan eebbifamoo dha;
jajjabina ni argatuutii.
5 Warri garraamiin eebbifamoo dha;
lafa ni dhaaluutii.
6 Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;
isaan ni quufuutii.
7 Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha;
araara ni argatuutii.
8 Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;
Waaqa ni arguutii.
9 Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;
ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.
10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;
mootummaan samii kan isaaniitii.
11 “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. 12Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
Copyright information for
GazHAHl