‏ Matthew 6:25-33

Hin Yaaddaʼinaa

6:25‑33 kwf – Luq 12:22‑31

25 “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu? 26Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii? 27Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?

28 “Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. 29Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne. 30Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree? 31Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa. 32Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka. 33Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
Copyright information for GazHAHl