‏ Matthew 6:9-13

9 “Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “ ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu,
maqaan kee haa qulqullaaʼu;
10 mootummaan kee haa dhufu;
fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana,
lafa irrattis haa taʼu.
11 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.
12 Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana,
atis yakka keenya nuuf dhiisi.
13 Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’
Akka Giriikotaatti qoramatti jechuun qormaatatti jechuu.

Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.

Ameen.
Yookaan isa hamaa jalaa hiikkaawwan durii tokko tokko jecha isa / Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti. Ameen jedhu hin qaban.

Copyright information for GazHAHl