Matthew 8:14-17
Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu Isaa
8:14‑16 kwf – Mar 1:29‑34; Luq 4:38‑41
14Yesuus yommuu mana Phexros seenetti, haati niitii Phexros dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciiftee arge. 15Innis harka ishee tuqe; dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis kaatee isa tajaajiluu jalqabde. 16Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise. 17Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Inni dhibee keenya nurraa fuudhe;dhukkuba keenyas ni baate” ▼
jedhame sun raawwatamuuf taʼe.
Copyright information for
GazHAHl