‏ Matthew 8:19-22

19Barsiisaan seeraa tokkos gara isaa dhufee, “Yaa barsiisaa, ani iddoo ati dhaqxu hundatti si duukaa nan buʼa” jedhe.

20Yesuusis deebisee, “Waangoonni boolla qabu; simbirroonnis manʼee qabu; Ilmi Namaa garuu iddoo itti mataa isaa irkifatu illee hin qabu” jedhe.

21Barattoota isaa keessaas inni tokko, “Yaa Gooftaa, dura akka ani dhaqee abbaa koo awwaalladhu naa eeyyami!” jedheen.

22Yesuus garuu, “Warri duʼan duʼaa isaanii haa awwaallatan; ati immoo na duukaa buʼi” jedheen.
Copyright information for GazHAHl