Matthew 8:23-27
Yesuus Bubbee Jabaa Gab gochuu Isaa
8:23‑27 kwf – Mar 4:36‑41; Luq 8:22‑25
8:23‑27 kwi – Mat 14:22‑33
23Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan. 24Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Yesuus garuu rafaa ture. 25Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!” jedhanii isa dammaqsan. 26Innis deebisee, “Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?” jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe. 27Namoonnis dinqifatanii, “Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?” jedhan.
Copyright information for
GazHAHl