Matthew 9:14-17
Gaaffii Waaʼee Soomaa
9:14‑17 kwf – Mar 2:18‑22; Luq 5:33‑39
14Barattoonni Yohannis dhufanii, “Sababiin utuu nuu fi Fariisonni soomnuu, barattoonni kee hin soomneef maali?” jedhanii isa gaafatan. 15Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu gadduu dandaʼu? Yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu. 16 “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko illee hin jiru; erbeen sun uffata sana irraa tarsaasaatii; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala. 17Akkasuma immoo namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Yoo isaan itti naqan qalqallichi ni dhoʼa; daadhiinis ni dhangalaʼa; qalqalloonis horoomaa baʼa. Daadhiin wayinii haaraan garuu yoo qalqalloo haaraatti naqame lachanuu yeroo dheeraa turu.”
Copyright information for
GazHAHl