Matthew 9:18-26
Intala Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte
9:18‑26 kwf – Mar 5:22‑43; Luq 8:41‑56
18Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii” jedheen. 19Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe. 20Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe. 21Isheenis garaa ishee keessatti, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii. 22Yesuusis garagalee ishee ilaalee, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!” jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite. 23Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti, 24“Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee” jedhe. Isaan garuu isatti kolfan. 25Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte. 26Oduun waaʼee kanaas biyya sana guutuu keessa facaʼe.
Copyright information for
GazHAHl