Matthew 9:2-8
2Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, “Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii” jedhe. 3Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, “Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!” jedhan. 4Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu? 5‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha? 6Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe. 7Namichis kaʼee mana isaatti gale. 8Namoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqifatan; Waaqa taayitaa akkasii namaaf kenneefis ulfina kennan.
Copyright information for
GazHAHl