Matthew 9:9-13
Waamamuu Maatewos
9:9‑13 kwf – Mar 2:14‑17; Luq 5:27‑32
9Yesuus achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe. 10Yeroo Yesuus mana Maatewositti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaatan. 11Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Barsiisaan keessan maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. 12Yesuus immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; “Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. 13Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’ ▼ jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”
Copyright information for
GazHAHl