‏ Nehemiah 11:3-19

3Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Solomoon; 4ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Beniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan.

Sanyii Yihuudaa Keessaa:
Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas
5Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Shelaa.
6Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan.
7Sanyii Beniyaam keessaa:
Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa,
8duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan.
9Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture.
10Luboota keessaa:
Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin;
11Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Waaqaa, 12obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan.
Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi
13obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan.
Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi
14obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan.
Toʼataan isaanii Zabdiiʼeel ilma Hagdoolim ture.
15Lewwota Keessaa:
Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii;
16hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Waaqaatiin alaatti itti gaafatamoo turan.
17Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi kadhannaatti sagantaa qajeelchu sana;
Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana;
Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun.
18Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan.
19Eegdota karraa:
Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan.
Copyright information for GazHAHl