Nehemiah 7:6-73
6Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan; 7isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii: 8Sanyiin Phaarosh 2,1729sanyiin Shefaaxiyaa 372
10sanyiin Aaraa 652
11sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818
12sanyiin Eelaam 1,254
13sanyiin Zaatuu 845
14sanyiin Zakaayi 760
15sanyiin Binuuyii 648
16sanyiin Beebay 628
17sanyiin Azgaad 2,322
18sanyiin Adooniiqaam 667
19sanyiin Baguwaay 2,067
20sanyiin Aadiin 655
21sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98
22sanyiin Haashum 328
23sanyiin Beesaay 324
24sanyiin Haariif 112
25sanyiin Gibeʼoon 95
26namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188
27namoonni Anaatoot 128
28namoonni Beet Azmaawet 42
29namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743
30namoonni Raamaa fi Gebaa 621
31namoonni Mikmaas 122
32namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123
33namoonni Neboo kaan 52
34namoonni Eelaam kaan 1,254
35namoonni Haariim 320
36namoonni Yerikoo 345
37namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721
38namoonni Senaaʼaa 3,930.
39Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973
40sanyiin Imeer 1,052
41sanyiin Phaashihuur 1,247
42sanyiin Haariim 1,017.
43Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
44Faarfattoota: Sanyiin Asaaf 148.
45Eegdota karra mana qulqullummaa: Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer,
sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138.
46Tajaajiltoota mana qulqullummaa: Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot,
47sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon,
48sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi,
49sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar,
50sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa,
51sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa,
52sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim,
53sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
54sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa,
55sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi,
56sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.
57Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa,
58sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel,
59sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil,
sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon.
60Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392. 61Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis: 62Sanyiin
Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642.
63Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa,
sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
64Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman. 65Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje. 66Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan; 67kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture. 68Isaan farda 736, gaangolii 245, 69gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture. 70Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii ▼
▼Daariikiin tokko giraamii 8.
1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe. 71Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii ▼▼Minnaaniin tokko giraamii 600.
2,200 mankuusatti galii godhan. 72Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan. 73Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.
Copyright information for
GazHAHl