‏ Numbers 28:16-25

Faasiikaa

28:16‑25 kwf – Bau 12:14‑20; Lew 23:4‑8; KeD 16:1‑8

16“ ‘Bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti Faasiikaan Waaqayyoo ayyaaneffamuu qaba. 17Bultii kudha shanaffaa jiʼa kanaatti ayyaanatu jira; isinis guyyaa torba Maxinoo nyaattu. 18Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa. 19Jiboota loonii lama, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeessaa. 20Tokkoo tokkoo dibicha loonii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame, korbeessa hoolaa wajjin iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, 21xobbaallaawwan hoolaa torban wajjin tokkoo tokkoo xobbaallaa hoolaatiif iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessi. 22Akkasumas akka araarri isinii buʼuuf korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessi. 23Kanas aarsaa gubamu kan yeroo hunda ganama ganama dhiʼeeffamutti dabalaatii dhiʼeessaa. 24Haaluma kanaan nyaata aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamuu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu sana bultii torbaaf guyyuma guyyaan dhiʼeessaa; innis aarsaa gubamuu fi dhibaayyuu isaa kan yeroo hunda dhiʼeeffamutti dabalamee haa dhiʼeeffamu. 25Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
Copyright information for GazHAHl