Numbers 29:12-39
Ayyaana Dunkaana Qulqulluu
29:12‑39 kwf – Lew 23:33‑43; KeD 16:13‑17
12“ ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. Waaqayyoofis bultii torba ayyaana ayyaaneffadhaa. 13Jiboota loonii kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti toluu fi kan ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. 14Tokkoo tokkoo jiboota kudha sadanii wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumame dhiʼeessaa; tokkoo tokkoo korbeeyyii hoolaa lamaan sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, 15tokkoo tokkoo xobbaallaawwan hoolaa kudha afran sanaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka tokko dhiʼeessaa. 16Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 17“ ‘Bultii lammaffaatti jiboota loonii kudha lama, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 18Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaatii fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 19Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaaniitti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 20“ ‘Bultii sadaffaatti jiboota loonii kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 21Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjinis kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 22Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 23“ ‘Bultii afuraffaatti jiboota loonii kudhan, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 24Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 25Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaattii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 26“ ‘Bultii shanaffaatti jiboota loonii sagal, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 27Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 28Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 29“ ‘Bultii jaʼaffaatti jiboota loonii saddeeti, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 30Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 31Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 32“ ‘Bultii torbaffaatti jiboota loonii torba, korbeeyyii hoolaa lamaa fi xobbaallaawwan hoolaa kudha afur kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne dhiʼeessaa. 33Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti jiboota loonii, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 34Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 35“ ‘Bultii saddeettaffaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; hojii idilee hin hojjetinaa. 36Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼee fi kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamuu fi kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu dhiʼeessaa. 37Akka lakkoobsa murtaaʼeettii fi akkuma amala isaaniitti dibicha loonii, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallaawwan hoolaa sana wajjin kennaa midhaan isaaniitii fi dhibaayyuu isaanii dhiʼeessaa. 38Akkasumas aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa. 39“ ‘Aarsaa keessan kan gubamu, kennaa midhaan keessanii, dhibaayyuu keessanii fi aarsaa keessan kan nagaa, kan wareega keessaniitii fi aarsaa fedhii keessaniin dhiʼeessitanitti dabalaatii ayyaana keessan beekamaa sana irratti Waaqayyoof dhiʼeessaa.’ ”
Copyright information for
GazHAHl