Numbers 29:7-11
Guyyaa Araarri Itti Buufamu
29:7‑11 kwf – Lew 16:2‑34; 23:26‑32
7“ ‘Bultii kurnaffaa jiʼa torbaffaa kanaatti wal gaʼii qulqulluu godhadhaa; isinis gad of deebisaa; hojii tokko illees hin hojjetinaa. 8Dibicha loonii tokko, korbeessa hoolaa tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe kanneen hundi isaanii hirʼina hin qabne aarsaa gubamu kan fooliin isaa Waaqayyotti tolu godhaa dhiʼeessaa. 9Dibicha sana wajjinis kennaa midhaanii kan daakuu bullaaʼaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki sadii zayitiidhaan sukkuumamee dhiʼeessaa; korbeessa hoolaa wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama, 10xobbaallaawwan hoolaa torban sana wajjinis iifii tokko irraa harka kudhan keessa harka tokko dhiʼeessaa. 11Akkasumas aarsaa cubbuu kan araaraa buusuuf dhiʼeeffamuu fi aarsaa gubamu kan yeroo hunda dhiʼeeffamu, kennaa midhaan isaatii fi dhibaayyuu isaatti dabalaatii korbeessa reʼee tokko aarsaa cubbuutiif dhiʼeessaa.
Copyright information for
GazHAHl