Psalms 105:1-15
105:1‑15 kwf – 1Sn 16:8‑22
1 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
2Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
3Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;
garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
4 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
5Dinqii inni hojjete,
hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
6isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan,
isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
7Inni Waaqayyo Waaqa keenya;
murtiin isaas lafa hunda irra jira.
8Inni kakuu isaa bara baraan,
waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
9inni kakuu Abrahaam wajjin gale,
kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
10Kanas Yaaqoobiif seera,
Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:
11“Ani biyya Kanaʼaan
qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
12Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,
dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
13sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara
mootummaa biraatti jooran.
14Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;
sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
15“Dibamtoota koo hin tuqinaa;
raajota koos hin miidhinaa.”
Copyright information for
GazHAHl