Psalms 16:8-11
8Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba.Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
9Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;
foon koos nagaadhaan jiraata;
10ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii,
yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.
11Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis
gammachuudhaan na guutta;
gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.
Copyright information for
GazHAHl