Psalms 18
18:1‑50 kwf – 2Sm 22:1‑51
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha Waaqayyoo; innis yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate. Innis akkana jedhe: 1Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.2 Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;
inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
3Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha;
diinota koo jalaas nan baraarama.
4Funyoon duʼaa na xaxe;
lolaan badiisaas na liqimseera.
5Funyoon siiʼool natti marame;
kiyyoon duʼaas natti dhufe.
6Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe;
gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe.
Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe;
iyyi koos gurra isaa seene.
7Lafti ni hollatte; ni sochootes;
hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman;
sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
8Aarri funyaan isaatii ol baʼe;
ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe;
cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
9Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe;
duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
10Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;
qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
11Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan
bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
12Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi
bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.
13 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe;
sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
14Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;
bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
15Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin,
humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis,
sululawwan galaanaa ifatti baafaman;
hundeewwan lafaas qullaa hafan.
16Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;
bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
17Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo
warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
18Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;
Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
19Inni iddoo balʼaatti na baase;
waan natti gammadeefis na oolche.
20 Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;
akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
21Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii;
Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
22Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;
anis labsii isaa irraa hin gorre.
23Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;
cubbuu irraas of eeggadheera.
24 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti,
akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
25Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;
nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.
26Nama qulqulluutti qulqulluu taata;
nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
27Ati warra gad of qaban ni oolchita;
ija of tuulu garuu gad deebifta.
28Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita;
Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara.
29Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;
Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
30Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu;
dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galan hundaaf Waaqayyo gaachana taʼa.
31 Waaqayyo malee Waaqni eenyu?
Waaqa keenya malees kattaan eenyu?
32Kan humna na hidhachiisu,
kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
33Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
34Inni harka koo waraanaaf leenjisa;
irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
35Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
harki kee mirgaa ol na qabeera;
gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
36Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
miilla kootiif daandii balʼifteerta.
37Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe;
hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
38Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse;
isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
39Ati lolaaf humna na hidhachiifte;
amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
40Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;
anis amajaajota koo barbadeesseera.
41Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;
gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
42Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake;
akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.
43Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;
mataa sabootaa na gooteerta;
sabni ani hin beekne na tajaajila.
44Namoonni ormaa na sossobatan;
isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
45Isaan hundi abdii kutatan;
hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
46 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!
Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
47Inni Waaqa haaloo naa baasu,
kan sabootas na jalatti bulchuu dha;
48diinota koo jalaas na baasa.
Ati amajaajota kootii ol na goota;
gooltota jalaas na baafte.
49Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa;
faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
50Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;
dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif,
jaalala bara baraa ni argisiisa.
Copyright information for
GazHAHl